DARGAGGEESSI OROMOO QAROOMA TECHNOLOGY TIIN DORGOMEE HINJIFATE

Barataa Saamuu’eel Margaa Nagaraa umriin isaa Kudha Saddeet.Barataa kutaa kudha lamaa yoo ta’u barnoota isaa kan rammaddiin qabxii olaanaa fiduun badhaasoota adda addaa argataa jira.

Gama kaaniin immoo Roobootii fi hojii Teknooloojii ammayyaa adda addaa hojjachuun biyya keessaa fi biyya alaatti dorgomuun milkaa’ee jira. Baatii lama dura biyya Hindii keessatti dorgommii namoota 70 hirmaachise keessaa ta’uun badhaasa waancaa, waraqaa ragaa fi Itiyoophiyaatti prezidaantii dhimmootii Hawaa jedhamuun muudamee jira.Kana malees bara dhufu jechuun 2018 Yunaaytid Isteetes keessatti dorgommii Naasaan Qopheesse irratti garee namoota diigdama of keessaa qabu hogganuun irratti akka hirmaatuuf afeeramee jira.

Kan isa waliin hojjataa jiran Injinar Iyyoob Hikaa hojiin ijoollee bara dhufu dorgommiif dhiyaatan filuu fi leenjiif gara biyya alaatti erguuf qopheessuu baatii Waxabajjii seenuuf jiru kanatti sochii jalqabna jedhu. Gama ooguma qabaniin akkasumas maallaqaan nu cina akka dhaabatan barbaanna jedhanii ijoolleen Oromoo biyya alaa keessa jiran dorgommii kanatti hirmaachuuf carraan jiraachuu ibsan.

Kana malees dame waajiira Hawaa hundeeffamuuf jiru kana biyyoota Awuroopaa fi Amerikaa keessattis banuuf karoorri akka jiruus ibsanii jiru.

gabaasa guutuu kan dhiyeesse VOA Afaan oromooti

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

w

Connecting to %s

Blog at WordPress.com.

Up ↑

%d bloggers like this: