WANTOOTA KURNAN KANA YOO DALAGAA JIRAATTE BULTIIN KEE YEROO GABAABAA KEESSATTI DIIGAMUUN NI MALA

Akkuma beekkamu yeroo ammaa kanatti bultiin namoota hedduu yeroo diigamu ni agarra kan bultii hin qabatinis jaalallee isaanii waliin yeroo addaan bahan ni agarra garuu wanti kuni sababni isaa maali jennee of gaafannee beeynaa?

Eegaa wantoota qabatamaan bultii keenya yookan jaalallee keenyaan addaan nu baasuu dandahan qabxiiwwan 10 akka armaan gadiitti isiniif dhiheesse jira

1. jijjiirama abbaa manaa/haadha manaa kee irraa eeguu

Kana jechuun jaalalleen tee/kee akka ati yaaddutti jijjiirama agarsiisuu dhabuu dandaha tahus garuu jireenya jaalalatiif si filattee/tee sitti dhufee jira waan taheef jijjiiramuu dhabde jettee yeroo hunda ilaalcha addaa sammuu kee keessatti uumuu hin qabdu yoo kana goote yeroo gabaabaa keessatti jaalallee/haadha manaa tee dhabuuf deemta jechuudha

2.yeroo hunda wal mormii keessan keessatti anatu irra aanuu qaba jettee amanuu

Haalli kuni namoota hedduu biratti baay’innaan mul’ata namni walitti bu’uun waanuma jiru haa tahu garuu badii ufiitis beekanii dhiifama gaafachuun barbaachisaadha namoonni baay’een yoo ufii badii qabaatanis badii ufii fudhachuun itti ulfaata yeroo wanti akkanaa irra deddeebi’amee raawwatamu ammo wal jibbiinsatu dhufa dhuma irratti addaan bahiinsis dhufuu dandaha waan taheef yoo wanta kana raawwataa jiraatte ammumarraa jalqabii dhiisuuf yaali.

3. qaama biraa jaalala keessan jidduu seensisuu

Qabxiin kuni qabxii baay’ee jabaadha namni kamiyyu hiriyyaa ni qaba akkasuma rakkina jaalallee isaa wajjiin qabu deemee hiriyyaa isaatti himuun akka hiriyyaan sun furmaata barbaaduuf ittiin mari’achuun miidhaa guddaa qaba hiriyyaan kee nama ati amantu tahuu dandaha garuu ilaalcha hiriyyaan kee bultii keetiif qabu hin beeytu waan taheef rakkinni fedhes bultii kee keessatti yoo uummame obsaan haga dandeette ufumaa furmaata itti barbaaduu siif wayya

4. fedhii qaamaa fi akkasuma fedhii lubbuu waliif beekuu dhabuu

Inni kuni qaxii beekkamaadha bultiin keenya jaalala irratti kan hundaaye yoo tahe jaalalli wantoota heddu uf keessa qaba qabxiin kunis wanta jaalala keenya ijaaruu dandahan keessaa isa murteessadha kanaafuu wanta jaalalleen tee/kee jaalatu hunda kabajuu fii beektee godhuufii qabda waliin nyaachuu waliin dhuguu fi waliin ciisuu keessatti fedhii wal madaalaa tahe qabaachuu qabdan tokko tokko tuffachuu hin qabu

Namni kamiyyu hawwii fi fedhii mataa isaa qaba fakenyaaf yennaa haati manaa kee movie/film tokko ilaaltu ati alaa dhuftee fiilmii kana ilaaluu hin qabdu kan ani jaaladhu san waliin ilaalla jette remote harkaa fuudhuu hin qabdu yeroo saniif isheen waan si kabajjuuf tole jechuu dandeessi garuu fedhii fi hawwii ishee san waan eeguufii diddeef keessi ishee ni miidhama haalli akkanaa kuni irra deddeebi’amee yoo kan uummamu tahe yeroo gabaaba keessatti si dhiistee akka deemtu shakkii hin godhin kanaafuu fedhii waliif eeguu keessatti uf eeggannoo cimaa godhuu isin barbaachisa

5. xiiqii/gadoo walitti qabaachuu

Namoonni tokko tokko wanta yeroo tokko jirenya isaanii keessatti raawwatame hin dagatan fakenyaf abbaan manaa akka tasaa haadha manaa isaa yo kan rukutu tahe yeroo saniif yoo wal dhabanii booda inni dogogora ufii beekee dhiifama gaafates isheen yeroo hundumaa wanta uumame san hin dagattu irra deddeebitee kan guyyaa san ati narratti raawwatte san waan dagadhe hin sehin jettee abbaa manaa ishee mataa dhukkubsiti wanti akkanaa dhiira fi shamarran irraahis wanta eeggamu miti wanta jireenya namaa diiguudha waan taheef beektanii irraa uf eeguu qabdu

6. Garaagarummaa isin lamaan jidduu jiru waliif kabajuu dhiisuu

Uumamni ilma namaa kan lafa tana irra jiraatu hundi akkuma bifa isaa wal dhaba dhalli namaa tokko dheera tokko gabaaba tokko qal’aa tokko furdaa tokko diimaa tokko gurraacha tokko beekaa tokko wallaala… Tahee waan uumameef wajjiin jireenya keessatti garaagarummaa jiru kana beekanii waliif kabajuutu barbaachisa abbaan manaa nama hin baratin yo tahe beekumsa gudda hin qabu yoo tahe haati manaa ammo nama beekkumsaan isa caalu yoo taate yeroo hunda akka inni wallaalaa tahetti isa ilaaluu hin qabdu akkuma olitti ibsuf yaale ilmi namaa kamiyyu guutuu tahe kan uumame hin jiru waan taheef hanqinna jiru waliif hubatanii garaa bal’atanii waliin jiraachutu barbaachisaadha

7. Badii kee amantee fudhachuu dhabuu

Namni badii hin raawwanne hin jiru garuu yeroo hunda haadhuma manaa kootu waa balleessa jettee amanuu hin qabdu atis akka badii raawwattu dhaabattee uf ilaaluu qabda yeroo hunda haati manaa kee akka dhiifama si gaafattu barbaaduu hin qabdu atis dhiifama gaafachuu qabda yoo badiin kee hin tahiniyyuu yeroo hunda wal mormuu irra ati dhiifama gaafattee jireenya keessan gara fuulduraatti akka deemu sababa tahuu qabda kanaafuu badii kee amanuun jireenya keessan fooyyessa akka deemu beektee yeroo hunda dhiifama gaafachuudhaaf qophaayuu qabda

8. Wajjiin mari’achuu dhabuu

Jaarsaaf jaartiin eega wal fuudhanii mana kophaa keessa waliin jiraachuu jalqaban hiriyyaa,haadha,abbaa,obboleessa fi obboleettiillee wal malee hin qaban waan taheef yeroo hunda waliin mari’achuun barbaachisaadha yaada fii karoora fuulduraa wanta yaadan walitti himanii waliin haasayuun jireenya namaa ijaara yoo haadha manaa tee wajjiin hin mari’attu yokan hin haasoytu tahe atis yaada ishee hubachuu hin dandeettu isheenis yaada kee hubachuu hin dandeettu waan taheef booda walirraa fagaachutu uumama walirra fagaachuun ammo addaan bahuudhaaf nama saaxila kanaafuu waliin haasayuun heddu barbachisaadha

9. ilaalcha garagaraa qabaachuu

Ilaalcha garagaraa qabaachuun wajjiin jireenya keessatti miidhaa guddaa uumuu dandaha haa fakenyaf haati manaa yon kan dhaaba KWO deeggartu tahe akkasuma abbaan manaa ammo yoo kan ABO deeggaru tahe isaan kun lamaanuu akka ilaalcha isaaniitti  anatu sirrii dha jedhanii waan amananiif yeroo hunda dhimma kanarratti yo kan wal mornaa oolan tahe booda wal jibbiinsatu uumamaa deema isaan lamaanuu ilaalcha ufii gabbifachuu waan barbaadaniif diinas walitti tahuu malu kanaafuu haga dandahameen ilaalcha tokko qabaachuudhaaf yaaluu qabna

10. Yeroo wiif kennuu dhabuu

Yeroo waliif kennuun hedduu barbaachisaadha yeroo hunda sababa hojii fi wantoota garagaraatiin haadha manaa ufii dagachuun hin barbaachisu haati/abbaan manaa yeroo qabutti fayyadamanii fedhii walii wal gaafatanii yaada waliif guutuun barbaachisaadha yoo kana hin tahin wal shakkiin uumammuu dandaha wal shakkiin ammoo wanta jireenya namaa salphamatti diiguu dandahuudha.

Waan dubbifataniif galatoomaa Odeeffannoon kuni yoo isin fayyade hiriyyoota keessaniif share godhaa

 

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

w

Connecting to %s